Magaalaa Adaamaa

Oduu-tarkaanfii!!

Magaalaa Adaamatti maandisoota imaana itti kenname dagatanii hojii #hattummaa irratti bobba’an lakkoofsan (18) ta’an irratti tarkaanfiin olaantummaa seera fudhatamee jira.

Maandisoonni kunneen hojii ummataa of-cinatti dhiisanii hattummaa irratti kan bobba’an yoo ta’u qorannoo godhamaa tureen irratti mirkanaa’e jira.

Mootummaan qorannoo kana dura godhaa ture irratti hundaa’un tarkaanfii seera jala oolchuu fudhatee jira.

Gama biraatin immoo kanneen lakkoofsan (30)ta’an yeroo ammaa miliqanii barbaadama kan jiraniidha!!

Kanaafu hawaasni hojii mootummaan weerara hannaa qolachuuf jalqabame kana cimee akka itti fufuu qabuuf tumsa barbaachisu gochuu akka qabus Bulchiinsi magaalatti dhaame!!

Published by adugna geshu

Artist Oromoo

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started