Mucaan dhiiraa umuriin ganna lama ta’e mana isaa kaaba-lixa Yugaandaatti argamutti roobiin liqimfame lubbuun oole.
Daa’imni maqaan isaa Igaa Paawol jedhamu kun yeroo roobiin kun dhufee isa liqimsutti qarqara Haroo Ediwaard mana isaaniitti dhiyoo jiruu taphachaa ture.
Bineensi kun dhufee daa’ima kana butee “gar-tokkoo qaama daa’ima kanaa liqimse,” jedhe poolisiin.
Daa’imni kun akkamiin oole? Amma maalirratti argama?
