Fayyaan Fayaa
Forforii Rifeensaa (Dandruff)
MALLATTOOLEE
● Rifeensa mataa keessa waanti akka daakuu harca’auu (keessumaa yoo harkaan haxaa’an ykn filtuu mataan filatan)
● Yoo xiqqoo sanarra jabaate ammoo garmalee hooksisuu fi waan akka qolaa harca’uu fa’i.
KA’UMSA
● Ka’umsi foriforii fangasii ‘Malassezia furfur’ jedhamtuun akka namatti dhufu amanama.
● Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keesatti argama.
● Keessumatti ammoo umurii waggaa 14 haga 30 kan namoota rakkisuudha.
FURMAATA
- Shaampoo qabiyyee farra fangasii of keessaa qabuun rifeensa ofii haga foriforiin kun rifeensa irraa badutti dhiqachuudha.
- Qorichoonni dabalataa akkuma cimina foriforii nama qabe sanaatti ogeessa fayyaan kennama.
- Foriforiin takkaa erga rifeensa irraa badee booda namatti deebi’uunsaa hin hafu. Kanaaf erga namarraa badee boodas giddu giduutti (fkf torbanitti altakkaa) shaampoo farra fangasii of keessaa qabu kanaan rifeensa dhiqachuudha.
Fayyaan Faaya! Adugna.Family.blog.com follow like share