Malamaltummaan gufuu misoomaa fi Dinagdeti

Hanni Farra Guddinaati‼️

👉Biyya fayyadamummaa lammiiwwan ishee itti mirkanaahefi hiyyummaa keessaa baatee badhaadhinatti ceete uumuuf hojimaata badaa fi hanna irraa qulqulleessuun murteessaadha.

👉Imala biyyi keenya gara badhaadhinaatti taasisaa jirtu keessatti hanni ammas dhibee hamaa fi qormaata qabsoo qaama hundaatis barbaadu ta’ee itti fufeera.

👉Biyya hannaaf harka kennite keessatti hiyyummaa injifachuun, hojimaata badaa sirreessuun akkasumas wal qixxummaaf obbolummaa dhugaa diriirsuun hin danda’amu. Kanaaf hanna dhibee hamaa biyya keenyaa ta’e kana irratti lammiin hunduu qabsaahuutu irra jiraata.

👉Hanni gocha diinummaati. Sarara diimaa hunduu irraa of qusachuu fi irratti qabsaahuu qabu waan ta’eef gocha balaafamaa kana karaa qindaahaa fi hawaasa hirmaachiseen maqsuun barbaachisaadha. Kana milkeessuufis xiyyeeffannaan ni hojjatama.

👉Dameewwan misoomaa adda addaa irratti qindoominaafi tokkummaa ol’aanaadhaan dhaabbannee injifannoo akkuma goonfanne gufuu imala jijjiirama keenyaa kan ta’e hanna sadarkaa garaa garaatti raawwatamu irratti qabsaahuu fi saaxiluudhaan gahee keenya haa bahannu!!!.

ODUU ISPOORTII

Murtii_Sirrii…..🇶🇦

Waancaan Addunyaa Kuwaataar Taatee Ajaa’ibsiisoo Keessummeessuu Itti Fufeera.

👉Xiyyarri garee biyyaalessa Jarman fe’ee gara Kuwaataaritti balali’e akka hin qubanne ittifame. Sababni isaa xiyyaaricha irratti alabaan walqunnamtii saala wal fakkaatoo jajjabeessuu 🌈 waan kafameef jedhameera.

👉Xiyyaarichi deebi’uuf waan dirqameef dhiheenyatti kan argamtu Sulxaaneetii Oomaanitti 🇴🇲 xiyyaara jijjiiratee gara Kuwaataaritti deebi’eera.

Design a site like this with WordPress.com
Get started