Oromiyaa ;- “Federaalizimiin Waliin Jireenya Ummattootaaf Gahee Olaanaa Qaba” Tamasgeen Baayyisaa (PhD)
Mariin idilee Gumii Balal qooda fudhattoota waliin akkuma itti fufetti jira. Marichi maalummaa, amalootaa fi haalota federaalizimii irratti xiyyeeffatu kanaan yaadamoonni adda addaa ka’aniiru.
Qajeeltowwan bu’ura waloo ta’an sirnaan hojirra oolchuufi wal dandeessisuun waliin jiraachuu akka ta’e yaada mariif dhiyaate ni kaasa.
Federaalizimiin waliin jireenya ummattootaaf gahee olaanaa kan qabu ta’uu yaada marii kana keessatti ka’eera. Biyyoonni baay’een sirna federaalizimii hojirra oolchan heddu itti kan milkaa’anii fi biyyoonni baay’een ammoo gara federaalizimiitti dhufaa jiraachuu ibsameera. Sirnoota darban keessatti osoo sirni federaalizimii hin dhufin dura rakkoo gara garaa kan keessummeessaa turte ta’uu maricharratti ka’eera.
Bakka sirni federaalizimii hin jirretti sirni bulchiinsaa haqa qabeessaa fi hunda hirmaachisaa ta’e jiraachuun laafaa ta’uudha. Federeeshiniin walitti dhufanii waliin yoo mootummaa hundeessan sirna uummannii ifaan karaa bakka bu’aatiin filachuu fi filatamuuf haala kan mijeessufi wal qixxummaaf karaa kan saaqu ta’uu akka ta’e ibsameera. Sirni Federeeshinii akka addunyaatti sirna cimaa hunda waliigachu ta’ee fudhatamaa jiru ta’uu yaada marii kana keessatti ka’eera. Sirni fedeeaalizimii hundee heera biyyaa irratti kan hunda’uu ta’ee bu’uura waliin jireenya saboota,sablammootaaf ummattootaa haala kan mijeessu ta’uun isaa filatamaa kan isa taasisu ta’uu marii kana keessatti hammatameera. Sirna federaalizimii akka rakkootti kan ilaalan jiraachuu fi ilaalcha sirnicha gochaawwan waggaan 27 taasifamaa tureen wal qabsiisuun kan mul’atu yoo ta’u,kan ammo adda baasuun faaydaa federaalizimiin dhugaa qabu gadi qabanii ilaalun murteessaa ta’uu marii kanarratti xiyyeeffannoo hammatameera.
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!