Oduu Ammee

Biyyaa Utubuuf worshaaleen simintoo gahee Guddaa qaba.

Warshaan Simmintoo Darbaa Dhaabbata Chaayinaa Siinoomaa Intarnaashinaal Injinariing Giruup waliin waliigaltee mallatteesse

Warshaan Simmintoo Darbaa Piroojektii babal’ina warshichaarratti waliin hojjechuuf Dhaabbata Chaayinaa Siinoomaa Intarnaashinaal Injinariing Giruup waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigaltichi bu’uura fedhii simmintoo biyyattiin dandeettii guyyaatti simmintoo kuntaala kuma 80 oomishuu dandeessisu uumuuf ta’uu eerameera.

Waliigaltichi hojii babal’ina warshichaa Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 82 hojjechiisuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi rakkoo damichaan mul’atu furuuf gahee olaanaa qaba jedhameera.

Hojiin fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa damee dhuunfaa guddisuurratti xiyyeeffachuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan haasawaa waliigalticharratti taasisaniin ibsaniiiru.

Hojii babal’ina warshichaaf mootummaan federaalaafi naannoo deeggarsa kan taasisan ta’uu kaasaniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf hundi gaheesaa akka ba’atu yaadachiisaniiru.

Waliigaltichi guyyaatti hanga oomisha warshichaa gara kuntaala kuma dhibba 1 fi kuma 50tti kan guddisu ta’uu ibsameera.

Published by adugna geshu

Artist Oromoo

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started