Aaga_Badhaadhaa!
Heeraawummaa( Constitutionality) fi Magaalaa Shaggar
Keewwanni 55 heeraa Naannoo Oromiyaa aangoo fi hojii Mana Marii Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaa tuma. Fooya’insi keewwata kanaa yamuu tumamu keewwata 55(9) haaraan dabalamee ‘Baay’ina uummatichaa bal’ina lafaa teessuumni lafaa Naannichaa, shochiin diinagdee hawaasummaaf kan barbaachisu yoo ta’e gulantaalee bulchiinsaa Heerichaan murtaa’an ykn Caffeedhaan fudhatama argatan waliti ni dachaasa, gargar hira ,haaraa akka caaseefamu ykn gurmaa’u ni godha tumaan jedhu tumameera.
Santu heeraa, santu seera. murtiin Mana Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Heerawaadha. Namoonni keewwatoota heeraa ilaalama guutuudhaan osoo hin taane akka nuuf tolutti dubbisuun dubbannuu ykn barreesinu sirrii miti. Sirreeffadhaa.
Motuummaan Naannoo Oromiyaa Mootuumma uwwisaa heeraa keessatti hojjetu Mootummaa gaafatamummaa qabuudha
Heerawummaan yaadama olaanaa kabajamu Heeraa ykn olaantummaa heeraati. Qajeeltoo namni kamuu kabajuu qabu ta’uun murtiin qaama mootummaa kamuu,seerrii kamuu barmaatilees ta’ee hojimaani kamiyyuu faallaa qajeeltoo kanaa yoo ta’e fudhatama ykn raawwatinsa hin qabu. Heerrii Naannoo Oromiyaa fooya’aan labsii 46/1994 keewwani 9 kana tuma
Manni Marii Bulchinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa dambii baaseen Magaalotaa fi gandoota baadiyyaa Naannawa Magaalaa Finfinneetti argaman haala kenna tajaajilaa fi hojiiwwan bulchiinsaatiif mijachuu danda’aniin walitti makuu fi bu’uuraalee misoomaan walqunnamsiisuun magaalaa ammayyaa fi hawwataa giddugala misoomaa, invastimentii fi industirii, qonna magaalaa, teknolojii fi qunnamtii odeeffannoo, dandeettii kalaqaa, turizimii fi daldalaa akkasumas jiruu fi jireenyaaf mijataa ta’e akkaataa seenaa, aadaa fi duudhaa ummata Oromoo bu’uureeffateen hundeessuuf Magaalaa Haaraa “Shagar “jedhamu dambidhaan hundeeseera. Namoonni fi Ogeessoota seeraa tokko tokkoo murtiin kun heerawaa miti yaada jedhuu tarkaanfachiisaa jiru.Dhimma kana heericha itti siqeenyaan dubbisuudhaan yaada waloo qabaachuun barbaachisaa ta’a. Namoonni kun yaadoota garaagaraa kan kaasan ta’uun akkuma jirutti ta’ee ijoo guddaan aangoon kun aangoo Caffee Oromiyaati malee kan Mana Marii Bulchiinsaa waan hin taaneef murti heerawaa mitii fudhatama hin qabu jedhu.
Namoonni waa’ee kana dubbatan ykn barreessan wabi isaan godhatan tumaa heeraa aangoo fi hojii Caffee Oromiyaa tumu heera keewwata 49(3),(b) ‘Baay’ina uummatichaa,bal’ina Naannichaafi sochii diinagdee hawaasummaa tilmaama keessa galchuudhaan gulantaalee dabalataa ni hundeessa ‘ isa jedhu yammuu ta’uu , ijoonn keewwata kanarraa ilaalamuu qabu, Gulaantaa dabalataa jechuun maalii? Heerri kun waa’ee gulantaafi gulantaa dabalataa maal jedhee? Magaalan Shaggar gulantaa dabalataati dhimmonni jedhan ilaalamuu qabu.
Walumaagalatti Seera akka waliigalaatti heera akka addaatti yammuu xinxalamuu fi yaadini kennamu seensarraa kaafnee guutuu isaa yoo fooya’insi jiraates fooya’insa hunda isaa walitti ilaalu baanaan hubannoo dogogoraa qabachuu ykn dabarsuu dandeenya.
Heerrii Mootummaa Naannoo Oromiyaa boqonnaan afur waa’ee gurmaa’insa Mootumma Naannichaa fi aangoo isaanii tuma. Kun ammo yaadamoota gurguddo lama akka qabaatu beekamaadha, inni duraa mootummaan qaamoolee sadi ,qaamaa seera baasu, qaama seera hiikuu fi qaama seeraa raawwachisuu qoodinsa dalgee(horizontal division) jedhamees kan beekamu yammu ta’u inni lammaffaan qoodinsa irraan gadii (vertcal division) kunis gulantaa ykn sadarkaa aangoon mootummaa itti argamu jechuudha. Bu’uura Kanaan heera kana keewwanni 45 jala tumaan jiru Naannichi sadarkaalee Naannoodhaan,Godinaan Aanaaleedhaafi Gandaan Kan caaseefamee akka ta’e tuma Haa ta’u malee Caffeen Oromiyaa Barbaachisaa ta’uusaa yammuu itti amanu sadarkaa bulchiinsaa kan biroo caaseessuu ni danda’a jedha .Egaan keewwata 49 (3),(b) fi keewwata kana walitti yoo diubbifnu Magaalaan Shaggar sadarkaa / gulantaa mootummaa haaratu caaseefamee jechuu dandeenyaa kan jedhu murti isaa dubbiftootaaf dhiisuun barbaada. Irra deebi’aa dubbisaa!
Dhimma kana osoo hin guduunfin qabxiiwwan dabalataan ilaaluun gaarii ta’a ,duraan dursee seerrii kamuu heeras dabalatee ni fooya’a kun uumamuma seeraati. Heerrii Naannoo Oromiyaa Labsiin 46/1994 mataan isaa heerra fooya’aadha. Heerrii fooya’aan kun ammoo fooya’insoota yeroo lamaa jechuunis Labsii 94/1997 fi Labsii 108/1998 keesumeeseera Egaa akkuman armaan olitti ibsame dhimmaa ijoo seeraa tokkoraatti murtoorra gahuun dura keewwatoota seerichaa wal faana dubbisuu, fooya’insooni yoo jiratanis wal faanaa xiinxaluun dirqama ta’a.
Fooya’insoota kanneen keessa dhimmaa kanaaf rogummaa kan qabu fooya’insa heerichaa labsiin 94/1997 dha. Labsii 94/1997 fooya’insa lakkoofsa 5 jalatti keewwata 49(3).(b) armaan oliti caqafame ‘’baay’ina uummatichaa,bal’ina Naannichaafi sochii diinagdee hawaasummaa yaada keessa galchuudhaan gulaantaalee dabalataa ni hundeesa kann jedhu’ “Gulantaaleen bulchiinsaa heera Kanaan murtaa’an akkumu jirutti ta’ee baay’ina uummatichaa, bal’ina Naannichaafi sochii dinagdee hawaasummaa tilmaama keessa galchudhaan gulantaalee bulchiinsaa dabalataa ni hundeessa jechuudhaan fooyesseera. Iddoo kanatti heera Kanaan gulataaleen bulchiinsaa murtaa’an eenyu kan jedhu keewwata 45 heerichaa armaan olitti tarreefaman ta’uu fooya’insi kun ifoomseera. Asumaan hundeefamni Magaalaa Shaggar gulantaa haaraa Caffeen hundeessuu qabu kan jedhu fi akkasumas Caffeen gulantaa haaraa hundeesuuf adeemsa maal hordofa dhimmooni jedhaniif kan biro dubbiftotaa fi barreesitootaf dhiifnee gulantaan haaraa hunddefame hin jiru .
Gulantaa haaraadha jedhamee yoo fudhatames Manni Marii Bulchiinsaa Naannoo Oromiyaa dambiidhaan Magaalaa Shaggar hundeessuun faallaa heeraatin aangoo isaa gara malee fayyadamee murtessee ykn aangoo gar malee fayyadameera waan jedhu xiinxaluudhaan haqasaa ifaan kaahuun barbaachisaa ta’a.
Kanaaf fooya’insi heeraa Naannoo Oromiyaa labsii 46/1994 keewwata 55 fooyeesse Labsii 197/1997 fooya’insa lakkoofsa 10 ilaaluun hubachuun gaarii ta’a.
Oolmaa Gaarii!
