DHIBEE DARANYOO SOMBAA (TB)
Dr ILILI JEMAL
Dhukkubni kun yeroon hin yaalamne taanaan qaamolee keenya keessaa bakki inni hin miinee fi hin xuqne hin jiru, kanaaf:-
👉Qufaa torbee lamaa fi isaa oli (kan akkitaa qabu ykn hin qabne) nama irra ture
👉Dhubbubbii qoomaa
👉Akkita dhiiga makate
👉Hafuurri wal nama hanqachuu
👉Nyaata nama jibisisuu
👉Qaama nama hoo’isu
👉Nama dadhabsiisuu
👉Halkan nama dafqisiisuu
👉Ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu fi kkf
Namoonni mallattoolee kanneen agarsiiftaan ykn qabdan…
Mallatooleen kunneen Dhibee Daranyoo Sombaa ykn TB ta’uu waan danda’uf, yeroodhaan mana yaalaa deemtanii ilaallamu qabdu. Rakkoolee fayyaa dhibee kanaan wal qabatee dhufus yeroon yaallamuun ofii fi namoota isinitti dhiyaatanii jiran irraa hambisuu ni dandeessu.
Galatoomaa!!!!