MM Abiy Ahimad Antooniyoo Gutareezii fi Muusaa Faakii waliin mari’atan
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareezii fi komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin mari’ataniiru.
Hoggantoota kannaan waliin dhimmoota ijoo ta’an hedduurratti mari’achuu isaanii himaniiru.
Hariiroo dhaabbilee kanneen waliin qaban caalmaatti cimsuuf marii bu’aa qabeessaa taasiisuu isaanii Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
