OBN Sadaasa 23,2015- Moorokoon waggoottan 36 booda, tapha moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa 22ffaaf dabruunshee beekame.
Tapha Waancaa Addunyaa kaleessa galgala taphatameen Moorokoo fi Kirooshiyaan tapha moo’atanii darbuuf darbaniiru.
Moorokoon Kaanaadaa goolii 2 fi 1’n injifachuun biyya Afrikaa tapha moo’atanii darbuuf dabarte 2ffaa taateetti.
Kirooshiyaan ammoo Beeljiyam waliin goolii malee qixa baatuus, tapha moo’anii darbuuf qaqqabuu ishee mirkaneeffatteetti.N_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.