Yaadaa piroofeesar maraaraa

Rakkoo nageenya Oromiyaa: Miseensonni paarlaamaa maaliif ummataaf sagalee ta’uu dhaban?

Naannoo Oromiyaa, keessumaa gama lixa naannichaatiin humnoonni hidhatan haleellaa isaan namoota nagaa irratti raawwatan yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufeera.

Jiraattonni BBCn yeroo gara garaatti dubbise haleellaa namoota nagaa irratti raawwatamu kanaaf humna ‘Fannoo’ jedhan, akkasumas kan mootummaan ‘Shanee’ jedhu akka ta’e dubbatu.

Sababa lola mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan seerri Itoophiyaa Shanee jedhu gidduutti gaggeeffamaa jiruunis namoonni nagaa hedduun lubbuufi qabeenya isaanii dhabaniiru; qe’ee isaaniis gadhiisanii baqataniiru.

Rakkoon nageenyaafi lola naannoo Oromiyaa keessa jiru kun ija sabaa-himaalee jalaa kan dhokate fakkaata; hawaasa idil-addunyaa irraas xiyyeeffannaa hin arganne.

Hunda caalaa ammoo bakka bu’oonni uummataa paarlaamaa jiranillee rakkoo nageenyaa waggootaaf bubbule kana yeroo kaasan hin dhagahamu jechuun komiin irratti ka’a.
Piroofeesar Mararaa irraa dabalatee kan iyyaafannee qindeessine kunoot

Published by adugna geshu

Artist Oromoo

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started