Oduu Ammee

Ajjeechaa suukkaneessaa Faannoon uummata Oromoo irratti raawwataa jiru duulli tiwiitarii balaaleffatu har’a galgala adeemsifamuuf jira.

Qindeessitoonni duula tiwiitarii kanaa OMNf yaada kennaniin, gurmuun Faannoo ofiin jedhu kun duula akkaan hammaataa ta’e uummata Oromootti banee jedhan.

Kanaanis gareen kun sadarkaa morma namaa kutuu gahee akka jiru eeranii, gochaa gara jabinaa daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwataa akka jiru himaniiru.

Gurmuu kanaaf leenjii fi hidhannoo kan kenne mootummaa ta’uu qindeessitoonni duula tiwiitarii eeranii, duula tiwiitarii har’aatiin Faannoo fi mootummaan garee kana fayyadamaa jiru cimsamee balaaleffatama jedhamiiru.Odeeffannoo dabalataaf Adugna.family.

Published by adugna geshu

Artist Oromoo

Leave a Reply

Design a site like this with WordPress.com
Get started