Baayye hin dheeratu obsumaan dubbisaa dhiifama wajjiin namni barruu dheertuu hin fedhuuf dhiifama jedheen jira .***********.
Dirree hojii itti bobbaate keessatti gaheen nama tokkoo baayyee guddaadha Jijjiirama guddaas fida Garee isa wajjiin hojjatus galmichaaf amantaan jaalalaan hojjaanna milkii Waloo taha garuu kan Waanciha dura kaasu dursaa Garee sanaati booda hunduu waancicha kaasee akka dhungatuu carraa kennuun immoo qaruutuma dursichaati.
Kana immoo Aabbichuu Abbaa Malaa Nama badhaasa Mormasaarra jiru dabarsee Obboleessa isaa lammaatti dabarsee kenneedha .Namni tokko tokkuma kophaasaa homaa hin fidu yoo garee,hordoftoota isaatiin deeggaramee fi Qajeelfama irraa fudhachaa hojiirra oolchaniidha.Qajeelfama kallatti walirraa fudhachuunis waliif kennuuni akka nama dhagaa walitti darbatuutti akka nama dinnicha ho’aa gubaa dafanii kan itti aanutti dabarsanitti osoo hin taane inni ofiiyis akka hin gubannetti waliif dabarsuudha .kanaaf.
***
Kubbaa goolii tahuu hin dandeenye walitti darbatanii maaf galchuu diddeen hin taatu
Kubbaa golii akka taatuuf siif darbamte akka
akka isheen golii seentuuf humna kee hunda fayyadami.Yoo sun didde tan ittu aantus yaali inni hin galchu jettee kubbaa kennuu hin dhiisin daqiiqaa tahe irratti golii dinqisiistuu galcha.Rukuttaa peenaalitii galchuu dhabe jettee komiin lafa hin guutin goolii peenaalitii san caala miidhagduu heddu galchuu danda’a waan taheef tana meesima fakkeenya haa fudhannuu.
***
Dubbiinsaa waa’ee tapha kubbaatiinis tapha siyaasaatiinis fudhachuun rakkoo hin qabu akka hubannoo isaa fi muuxannoo isaatti hunduu yaa fudhatuu.An kanin kaasuu barbaadeef hojmaataan wal irraa fudhannee milkii waloof haa hojjannuu waan jedhu of keessaa qaba.Warri yaada kanaan gammachuu qabu heddu ni jiraata kan yaadichi bitaa itti tahus ni jiraata tahus yaadichi yaada sirriidha itti fayyadamuun na osoo hin taane nu fayyada.kanaaf………………
***
Dirree Ispoortii / Istaadiyeemiin hagam akka baldhatu warri muuxannoo kubbaa miilaa fi seera isaa hin beekne ijaan ni tilmaama warri seera isaa beeku bal’ina diirree meetiraan ulfaatina kubbaa giraamaan Namni 22n taphatu daqiiqaa meeqa akka taphatu walitti bu’iinsi achi keessatti raawwatamu kamtu tasa kamtu itti yaadameeti kamtu adabsiisa kamtu hin adabsiisnee beeka.Kaardiin Keelloo fi diimaan akka dirree sanaatti akka Niikularaatti sodaatama.Murtiin Abbaa seeraas ni kabaja. Waan inni hin argin teeknooloojiin deeggarama waraanichi tolumaan addaan gala.
Deeggartoonnis waan isaanitti fakkate yaadama mataasaaniin deeggaru deeggaruun rakkoo hin qabu sababa matasaa saa qaba garuu arrabsoo hin taane seenuu hin qabu .taphi siyaasaas akkasuma yaadamich siif taanaan deeggarri sababa sirriin siif hin taanes taanaan mormi hojmaata sirri kanaan ala sababa malee deeggartu mormitus sis garee sanas biyyas gatii hin taane kaffalchiisa.
Kanaaf namas tahee garee dhala namaatti daba hojjatu deeggaruun sirri miti.yeroo kana jedhe muuxannoof hubannoon nama hundaa ofirratti garee wahii irratti biyyarratti Ardii irratti Adunyaa irratti qabu qixa miti kaanaaf barsiisuun irra deddeebiin barsiisuu mari’achuun furmaata waloo bira ni gahama.
Hunda keenyaa biyya keenyaaf Nagaan
Adunyaa hundaaf nagaaf misoomni haa baayyatu kun hunduu Daandii haqaa irrati tahuu qabaan yaada kooti.
***


