Worshaan Daabbo karrayyuu Eebbifame

Warshaan Daabboo Karrayyuu Birrii miiliyoona 58 ijaarrame eebbifame

Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen warshaa Daabboo Karrayyuu Birrii miiliyoona 58 oliin ijaarrame eebbisuun hojii eegalchiinsan.

Warshaan Daabboo kun magaalaa Finfinneetti deeggarsa Abbaa Qabeenyaa dhuufaan kan ijaarrame ta’uu ibsameera.

Warshichi yeroo ammaa guyyaan daabboo kuma 250 oomishuun hojii kan eegale yoo ta’u, wayita guutummaatti hojiitti gale ammoo guyyaan Daabboo miiliyoona 1 ol oomishuu danda’a jedhame.

Ammaaf namoota 30 oliif carraa hojii kan uume yoo ta’uu, yeroo itti aanu namoota 150f carraa hojii uumuu danda’a jedhan Abbaan Qabeenyichaa Mahiihubbaa Sayid.

Published by adugna geshu

Artist Oromoo

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started