Gaggeessitoonni biyyoota addunyaa xumura Waancaa Addunyaa 2022 daawwachuuf Qaataar, Dohaa galaa jiru.
Isteeniyeemiin har’a xumurri waancaa keessatti taphatamu Lusail Stadium namoota bebbeekamuu (VIPs) fi namoota siyaasaatiin guuta jedhamaa jira.
Amma iji addunyaa gara tapha kanaa ilaalaa jirti.
Pirezidantiin Faransaay Emmaanu’eel Maakroon haadha warraa isaa Birigttee waliin Warra Cuquliisa jabaadhaa jedhanii hamilee ta’uuf amma Dohaa qaqqabaniiru.
Les Belues jechuun Warra Cuquliisa jechuudha. Maqaa masoo garee Faransaay.
Eeyu mo’ata jettu?
Tilmaama keessan kennaa.
Fuula kanarraa ammo oduu ispoortiifi dhimma nageenya birraa, akkasumas sababoota dhiirri akka maseenu taasisan ijoo dabalatee odeeffannoo fayyaa ni argattu.
Dhiyaadhaa by Adugna.family.blog
