kubbaa_miilaa_Afriikaa_kan_quucarse_malaanmaltummaadha

Abbaan Kylian Mbappé kubbaa miilaa Afriikaa kan quucarse (duubatti kan hambise) malaanmaltummaadha jedhe. “Bara 2018 ilmi koo biyya isaa Kameerooniif akka taphatu ture hawwiin koo. Haata’u malee Aanga’aan Federeeshiniin kubbaa miillaa Kaameeroon tokko, Mbappe’n kubbaa miillaa Kaameerooniif akka taphatu yoo barbaadde qarshii kaffali naan jedhe. Animmoo qarshiin gaafatame sana kaffaluu waan hin dandeenyeef ilmi koo Kaamerooniif taphachuu hin dandeenye. Haata’u malee France Kylian Mbappé tiin gara garee kubbaa miillaa France tti gaafa waaman qarshii homaayyuu nun gaafanne” jedha abbaansaa.

“Waan hunduu gaarummaafi…” otuu Mbappe’n garee kubbaa miillaa Kaamerooniif taphateera ta’e silaa dandeettiin amma qabu kun carraan mul’achuu isaa hamma kanaa hin ta’u. Innis beekkamtii fi jaalatamummaa malee hafuu ni danda’a ta’a. Amma garuu taphattoota kubbaa miillaa Addunyaarra jiran keessaa taphataa urjii jedhamuun beekama.

Published by adugna geshu

Artist Oromoo

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started